Maattariin Maali?
Maattariin waan ulfaatina qabuu fi bakka fudhatu kamiyyuudha. Wanti ati arguu, tuquu ykn sitti dhaga’amu hundi maattarii irraa hojjetame — akka bishaan, qilleensa, dhagaa, fi qaama kee illee! Maattariin haala adda addaa kan akka jajjaboo, dhangala’aa, gaazii fi pilaasmaa keessatti argama.
Anniisaa jechuun maali?
Annisaa jechuun dandeettii hojii hojjechuu ykn jijjiirama fiduudha. Ulfina(Mass) hin qabu ykn bakka hin fudhatu, garuu mattariin akka socho`u ykn jijjiramu taasisa! Fakkeenyaaf, anniisaan konkolaattonni akka socho’an, ibsaan akka ifu, biqiltoonni akka guddatan taasisa. Bifa anniisaa beekamaan tokko tokko ho’a, ifa, sagalee fi elektirikii kan dabalatudha.
Walfakkeenya:
Maattariin fi anniisaan lamaan isaanii qaama yuunivarsii fiizikaalaa ti. Waliin wal qunnamu. Fakkeenyaaf, anniisaan maattarii jijjiiruu danda’a — Oowwi hancabbii (maatarii) ho’isuun gara bishaan dhangala`ootti jijjiira.
Garaagarummaa:
Maatiriin ulfaatina kan qabuu fi bakka kan fudhatu yoo ta’u, anniisaan garuu hin fudhatu. Maattariin akka paartiikiliitti (akka atoomotaa fi molakiyuulota) kan jiraatu yoo ta’u, anniisaan ammoo bifa akka ho’aa, ifaafi sagaleetiin dhufa.
Anniisaa maattarii keessa socho’uu danda’a. Fakkeenyaaf, anniisaan sagalee qilleensa keessa kan deemu siʼa taʼu, ifni aduu immoo vacum fi maattarii keessa dabruu danda`a. Gabaabumatti, maatiriin "wanta" yoo ta'u, anniisaan ammoo wanti akka socho'u, akka jijjiiramu ykn akka wal-qunnamu kan godhudha!